Kora kannin irrati miseensooni ABO, deggertooni, dargaggooni fi miseensooni Hawaasa Oromo Ottawa, Kalgari fi Brooks Argamani jiru. Walgahii kana irratti akkuma aadaa keenyaa eebbaan jalqabamee.
Mootummaan gabroomfatoota Abashaa akkuma gaararraa bifa isaanii jijjiirataa ummata keenya jaarraa tokko oli humna qawweettin nu gabroomsuun hin beekama , ta'us ummanni keenya qabsoo hadhaawaa wal irraa hin cinne godhuun isaa ni beekkama. Jagnoonni qabsoo itti kufanii ottuu xumura isii hin argin asiin gahan tana bakka xumuraatiin gahuuf qophoofnnee ka'uun dirqama Oromooti.
Miniliik, Haile Silaasee, Dargii fi murni bicuun Woyaanee Ummata keenya afaaniin mirga ufiin uf bulchuu qabdan jechaa Oromoo adaan qoodee walitti buusuudhaan qabeenya isaa saamuu , akkasumas kan gaafi mirgaa gaafate hidhuu fi ajeesuudhaan sirna gabrummaa fi hacuuccaa daanga hin qabne nurratti argisiisaa jirti. Kanaafuu, humnaafi qabeenyi keenya WBO waan ta'eef jabeefachuun qabsoo wal iraa hin cinne geggeesuun dirqama keenya ta'e argama.
WBOn bilisummaa fi walabummaa Oromiyaa milkeessuu sirma kiyoo gabrummaa hiddaan
buqisee biyya isaa tan humnaan irrraa fudhatamtee deebifachuu fi mirga isaa kan afaan
qawweetiin sarbame gonfachuuf haga wereegama lubuu kafaluuf diinaan falmachaa
waan jiruuf nutis gara keenyaan isaan bira dhaabbachuuf waadaa seenuuf qophii ta'u qabna.
Video WBO hirmaatootnni erga ija xiinxalaa fi gammachuun ega daawwatanii booda gaafii fi deebii akkasumas yaada akka kennatan yeroo gaafataman : " Nuti wanti gaafannu womaa hin jiru, gaafii qabnus WBn nuu deebise jira" jechuudhaan yaada guddinaa fi tin'isa qabsoo calla akka fedhan fi gargaarsas gochuuf waada ni seena jedhaniiru.
Dhimma walgahii kanaa laalchise dura deemaan Konyaa fi itti gaafatama damee jaarmayyaa ABO Gishuu Jaarraa waa'e Video WBO ibsa gabaabaa kenaniiru.

Haalumaa wal fakkataan Konyaan Brooks fi Kalgarii magaalaa kalgarii keesatii honganaa olii anaa kesaa J/Amiin Jundi, birkii beeksisaa, J/Zakiir fi J/Abdirahmaan Koree kutaa Kanadaa keesaa irrratii hirmaachoon ibsaa halaa yeroo irra kenaaniiruu.


Ibsa miseensoota ABO Konyaa Gishuu Jaarraa(Otawaa), Brooks fi Kalgari :
1) Ergaa WBO harka dhibbaa - dhibbatti ni fudhanna , gargaarsas ni goona
2) Videon WBO kan nu boonsu waan ta'eef bira dhaabschuuf waada keenya ni haaroomsina
3) Hijiileen waggaa tokko keesatti hojjataman abdii keenya ol kaase jira, kanaafuu boqonnaa itti aanuuf daandii banamte tana jabinaan bira dhaabbanna.
4) Tattafiin Jaarmoolee Tokkummaa umuuf walii galteee fi wal hubannoon godhataman hegere qabsoo oromoo fuulduratti shaffisa jennee amanna, abdiis qabna.
5) Sochii WBOn haarawatti jalqabe kana haga qalmaan gayyutti irra deebine waadaa galleerra.
Gadaan Gadaa Jijjiiramaa fi Injifannooti !!