Lola Woyyaaneen Qindeessiteen Lubbuun Namoota Heddutti Lakkawaan Dabarteerti
Onkoloolessa 12,2009

Mootummaan sab bicuu, ilmaan tigrayiitin geggeefamtu,  sanyii duguuggaa Oromoo irratti raawachaa jirtu babaldhisaa deemuun madii oduu keenyaa gabaseera.. Ummata Oromoo lakkofsa isaa bifa kamiin xinneessinee sab bicuu goonaa kan jedhuu ilaalcha qabduun sanyii Oromoo beelaan, dhibdeen fi rasaasaan lafa fixaa demuun ishii dubii ifa baate. Haaluma kanaan, torbaan lufee akkuma maddii oduu keenna gabase
Gujii onoota hedduu keessatti walitti bu’iinsa Oromoo fi Somaalii gosa Diigoddii jidutti dhalate ammas itti fufuun namooti 45 ol dhumatan, 30 ol akka malee madaa’uun gabaafame

Mootummaan wayyaanee Oromoo fi olla isaa walitti buusuu ittuma fufe.Yoo karaa maanguddootiin araarri bu’es jaarsota araaraa sodaachisuun waan ifaan muldhataaru jedhame.

Akka kanaan waldhabbiin Oromoo fi Somaalii gosa Diigoodii jedhamu jidutti calqabame daanagaa babaldhifachaa akka jiru eerame.Torbaan dabarsine kana gara dhumaa irratti godina Gujii ona Liiban naannoo Waleensoo jedhamee beekamutti lolli hamaan ummattoota jidutti geggeefamuun himamaa jira.Namooti nagaa 45 ol ta’an waldhabbii ummataa kanarratti dhumatanii jiru.Namoota lola dabballoota wayyaaneen qabsiifame kana irratti du’an keessa Qixu Duuloo fi Dabbassaa Areeroo kan jedhaman keessatti argamu.

Namooti 30 ol ammoo akka badaa madaawanii Oromooti hosipitaala magaalaa Nageellee Booranaa keessatti somaaloti ammoo magaalaa Fiiltuu jedhamtu keessatti yaalamaa akka jiran gabaasaan nu qaqabe mirkaneesse.Waldhabbiin ummataa kun mootummaa wayyaaneetiin kan qindeefamu akka ta’ee fi gama tokko goranii Oromoo irratti rasaasa roobsuun hidhatoota wayyaanees hundaa biratti beekameera.

Maanguddooti karaa lameenuu lola geggeefamaaru akka dhaabanii fi karaa aadaatiin ummata walitti araarsan sabboontonni naanichaa gaafataa jiru.Kun tarkaanfii filannoo dhibii hinqabnee fi shira wayyaanotaa kan doomsuudha jechuun ABOs dhaamsa dabrse.Umattooti cunqurfamoon walii tumsuun wayyaanee irratti malee walitti ka’uun ammaan booda xumura argachuu akka qabus akeekkachiiseera.

Walitti bu’iinsa Oromoo fi Somaalii gosa Digoodii jidutti ta’een torbaanota lameen dura lubbuun namootaa 82 ol tasaan baduu gabaasuun keenya ni yaadatama.

 

 

 

"Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF".
   
 
  Site Map | Privacy Policy |
     
© Copyright OLF 2008