Toronton, magaalaa oromoonni hedduminaan keessatti jiraatan qofa osoo hinta’in, magaalaa qabsaawonni hedduun keessaa biqilaniifi magaalaa qabsoon oromoo biyya alaa kanatti gadi dhaabuuchuufi babali’achuu irratti seenaa boonsaa qabdu akka taate kan dhokatamuumi.
Akkuma oromoota biro Oromoonni Toronto irrinoota QBO keessattuu ABO keessatti dagaagaa dhufeen mooraa adda addaatti gurmayuudhaan waldorgommii siyaasaa cimaa keessatti galuudhaan magaalaa yeroo dheeraafi oromiya xiqqoo jedhmitee beekamittu osoo ummanni hedduun keessatti argamuu akkumma gurmuun qabsaawota caccabaa deemuun gurmuun ummata kenyaallee qaqali’achaa dhufee walgayiilee gugguddoo yaamamttu hundarratti heddumminni ummata keenyaa baroota 10 dabran kana keessatti walgayii irratti argamaa ture kan hedduu hamilee nama buusu ture. Kanas ta’ee garuu qabsaawotaa fii sabbontonni magaalaa kanatti argaman guyyaa tokkollee tokkummaa qabsaawota oromoo deebisanii ijaaruu irraa abdii kutatanii hinbeekan.
Haala kanaan osoo jiranuu jijjiiramnni ABO keessatti dhalate ajandaa bara dheeraa hawwaamaa ture kan mooraa qabsaawota oromoo deebisanii utubuu jedhuufi awwaachuudhaan Oromoonni naannoo Torontoo fii magaalaa Toronto jiraatan keeysattu warren adeemsa siyaasa Oromoo itti dhiyeenyaan hordofaniifi ummanni keenya heddomminaan gammchuu fi hamilee cimtuun Tokkummaa qabsaawota simmatanii jiru.

Oromoonni Toronto tattaaffii tokkoomuu mooraa qabsoo Oromootiif bara 1984 irraa eegalanii carraaqqi gara garaa godhaa waan turaniif milkiin ar’a argame firii tattafii isaaniillee akka ta’etti amanuudhaan gammachuudhaan ufitti fudhatanii jiru. Mariin adeemsa siyaasaa Oromoo gama mooraa tokkotti deebisuufi carraaqamuufi siyaasaan bilchinna adeemsaa fii qarooma bareetiin ittifame kan ummata keenya hedduminaan ammate magaalaa kanatti bara dheeraafi ta’ee waan hinbeeyneefi walgayiin guyyaa Sadaasa 15/09 haala abdii addaa Oromoota Toronto tti uume jira.
Oromoonni marii irratti argaman dhaamsa hoogganoota ABO kan milkii Tokkummaan qabsaawota oromoo deebi’ee gurmaayuu dhagayuun gammaduu caalaa Sabboonota bara dheeraaf qabsoo Oromoo sadarkaa hoogganaatti taliguu turanii haala adda addaatiin waltajjiilee fii marii Oromoo irraa hamileen tuqamuudhanis ta’ee dhiibaman turan deebi’anii waltajjii tokkorratti isaan hunda wajjiin arguun hamilee dangaa hinqabnne ummata keenya keessatti uume jira.
Hoogganootaa fii Hayyonni oromoo jila kana geggeeysaniis
J/Ibraahim Muummee, J/Damshoo Ali, J/Ibsaa Nagawoo, J/Suraa Abduljaliil, J/Bulloo Baatii, J/Araarso (Ahmed Muussa) fii J/Saafii fa’a turan.
Hoogganoonni argaman Tokkummaa Qabsawota Oromoo kan bara dheeraafi oromooni eeggachaa turan kan Onkoloolessa 31/09 labsame ilaalchisee walduraa duubaan irratti ibsa laatanii jiran.. Keessattu sagantaan barnoota siyaasaa qormaata cimaan ragga’e kan J/Araarsoon dhiyaate kan hedduu hamilee cimtuu hirmaattotaa uume qofa osoo hinta’in kan bilchinnaa fi ogumma J/Araarsoo kan calanqiseefi kan abdiin ummata jabeesse ture.
Hirmaatonni walgayii kanarratti aragaman ibsa laatame hunda dhageeffatanii shakkiilee qabaachaa turanis gaafiidhaan eega qulqulleeffatanii booda fiinxaan bayuu fii milkaayuu tokkummaa qabsaawota oromoo fi galii gayiinsa kaayoo ABO tiifi waan isaanirra eeggamu hunda guutuufi dandii gaafataman hundaan hirmaachuufi tokkummaan kun akka fiinxa bayu irbuu daddaaqa hinqabnne seenuudhan abdii hooggana kanarraa qabanis mirkaneessanii jiru.
Walumaa galatti walgayiin guyyaa Sadaasa 15/09 magaala Toronto keeysatti geggeefamte damboobaa fii hamilee oromoota naannoo Toronto tti uumuu caalaa jijjiiraminni ABO keessatti dhufe kan dhugaadhaan kaayoo ABO milkeessuufi shakkii akka hinqabnne raggaasisuudhaan hafuura gaariin xumuramee jira.
Tokkummaan Humanna!!
Gadaan Gadaa Tokkummaatiifii Injifannooti!!