Poolisiin Investment wayyaanee naannoo Oromiyaa keessaatti lafa jireenyaa irraa buqqa’uu namootaaf sababa guddaa ta’aara.Yeroo beelli hamaan lammiilee irratti aggaamate kanatti qotataan Oromoo lafa jireenyaa irraa buqaafamee akka karaa irratti dhiifamaaru gabaafamaa jira.
Odeessi jidduu kana seenu akka ibsutti godina Arsii ona Jajjuu keessatti Qotataan laakkofsaan maatii 800 ol ta’u lafa Qonnaa isaa irraa akka buqa’e gabaafamee jira.Ona Jajjuu ganda Tibilaa jedhamu keessaa maatiin 800 ol lafa dhabeeyyii ta’anii karaa irratti yeroo dhiifaman lafa taadhii jireenya ummata Oromoo taate tana maqaa Investement jedhuun nama Nigusee jedhamee beekamuu fi dhalataa Tigiree ta’e tokkoof akka laatame/kenname bira gahameera.Jiraatoti naannichaa lafa isaanii irraa buqaafaman beenyaa tokko malee rakkoof akka saaxilamanis eerame.
Maqaa investementn Oromoo lafa isaa irraa buqaasuun kan bubbule yoo ta’u, maqaa magaalaatiin gama duubaa dhiibuun iddoo magaalota gurguddootti hammaataa dhufe.Gochaan kun jiruu fi jireenya ummatichaa irratti dhiibbaa fi miidhaa fidu garuu qaamni hordofee furmaata as baase dhabamuun ummata Oromoo waan yaaddesse akka ta’e beekameera.