Onkoloolessa 31, 2009 Magaala Minneapolis/Saint Paul, Minnesota keessatti walgahiin jaarmayootaa fi qabsaawota Oromoo guyyoota afuriif gaggeeffamaa ture bakka ummatni 1500 argametti labsa jaarmaya/dhaaba/ tokkoo /ABO/jalatti gurmaa’uun xumuramee jira. Walgahiin kun akkuma aadaa Oromoo eebbaa manguddootiin kan baname yommuu tahu faaruun alaabaa fi yaadannoon goototaa qabsoo irratti wareegamaniif godhamee jira .
Waliigalteen/tokkummaan/ kun qabsaawota jaarmayoota shan Murna Murtii Guutoo, ABO, AWO, GBO_Canadaa, fi ATBO irraa kanneen walitti dhufan gidduutti kan tahee dha.
Gaaffii fi hawwiin bara dheeraaf ummatni Oromoo fi qabsaawotni qabaachaa turan jaarmayootni Oromoo gaaddisa jaarmayaa tokko jalatti walitti qabamuu fi qabsoo sabaa gurmuu ititeen gaggeeffamuu ture. Sirna seena qabeessa kanaaf ragaa tahuu fi qaama tahuuf dardara, manguddoon, dhiiraa dhalaan, xinnaan fi guddaan Oromoo addunyaa kana irra qubatan lafoota fagoo akka Australia fi biyyoota heduu irraa walitti akkuma nama muudaa deemuutti heddumminaan gara magaalaa Minneapolis qajeelan. Hawwiin tokkummaa qabsaawotaa ijaan arguuf barootaaf qabaachaa turan ijaa isaanitiin arganii gurra isaanitiin dhagahanii mirkaneeffattan, gammachuu irraa kan ka’ee imimmaaniin fuula dhiqatan.


Ulfina guyyaan kanaa ilaalchisuunis yommuu dubbatan J/Hassan Hussein akkana jedhan “ Guyyaa kun guyyaa qabsaawotni Oromoo addaan deemuu irraa walitti deeman, guyyaa qofaa dhaabbachuu irra waliin dhaabbatan, addaan faca’uu irra walitti qabaman, wal-dhabbii araaraan bakka buusuun hooggana jaarmaya tokkoo jalatti kaayyoo saba isaanii bakkaan ejjannoo fudhatan, jaalala dhaaba isaanii irra jaalala sabaa akka dursan itti mirkaneessan waan taaheef guyyaa kana seena qabeessa taasisa”. Itti dabaluunis sochiin gurmuu qabsaawota Oromoo gaaddisa tokko jalatti walitti qabuu fi humna ittisa biyyaa Oromiyaa bilisoomsu ijaaruu kun kan jalqabame malee isa dhumaatii miti. Sochiin mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti nagaa waaraa buusuu kun itti fufee milkii akka argamsiisu fi hawwii saba keenyaa dhugoomu akkuma baroota qabsoo keessa dabarreetti ummatni Oromoo akka dhaaba ilmaan isaa waliin cinaa dhaabbatuu irra deebinee yaamicha goona jechuun haasaa isaanii xumuran.
Itti aansuudhaan hammeenya diinni ummata Oromoo irraan gahaa jiruu fi tokkummaa qabsaawota Oromoo ilaalchisuun ummataa fi qabsaawota walgahii kana irratti argameef J/ Damishoon Ali haasaa godhan keessatti, yeroo ammaa kana yeroo hammenya gabroomfattuun Habashaa ummata Oromoo irratti raawwattu daran hammaate kanatti tokkummaan jaarmayootaa fi qabsaawota Oromoo waan hunda caalaa fardii dha. Hawwii diinaa keenyaa gurmuu fi tokkummaan qabsaawotaa, akkasumas ummata Oromoo boora’ee bifa waliif dirmachuu fi wal-cinaa dhaabbachuu hin dandeenyetti facaanee arguu dha. Faffaca’uun gurmuu qabsaawotaa bilchiinsa diinaa fi hammeenya, ilmaan Oromoo irra gahaa jiru akka dheeratuu fi saaminsi biyya keenyaa akka itti fufu kan godhuu dha. Hawwii diinaa kana doomsinee akka qaama tokkootti gaaddisa jaarmaya tokkoo fi hooggana tokko jala hiriirree qabsoo saba keenyaa finiinsuuf walii-galteen ar’a irra geenne ummata Oromoo fi qabsaawotattis kan bifa haarayaan abdii itti horuu fi hamilee keenyas ijaaru jedhan jiru.


J/ Amaam Kadiir waliigalteen jaarmayoota walaba Oromoo gidduutti tahe ilaalchisuun yommuu dubbatan “ar’a nuti miseensotni jaarmaya shan jalatti hiriirree turre dhaaba tokko, alaabaa tokko fi hooggana tokko jalatti hiriruuf waliif galle. Ar’a alaabaan teenya alaabaa ABO ti, hoogganni keenya hooggana ABO, dhaabni keenya nuti jala hirirree ummata Oromoo bilisoomsuuf ittiin qabsoofnus ABO” jedhan. Jaarmayootaa fi miseensotni qaama adda addaa jala turan kun dhibdeelee barootaaf gidduu isaanii turte aadaa Oromootiin fixachuun dhaaba tokko jalatti dacha’uu yommuu labsinuu qabsaawotni Oromoo hafanis fakkeenya kana fudhatanii kaayyoo sabaa gurmuu tokko taanee akka bakkaan geenyu lallaba tokkichummaa kaanaaf akka owwatan Yaamicha godhuun dabree isaanii J/ibsaa Nagaawootiif dabarsan.
Jaal Ibsaa Nagawoo haalli adda adda faca’uu qabsoo saba Oromoo kan qancarsee fi ummatni keenya salphina guddaa jalatti kan kuffise akka tahee fi ummatni Oromoo tokkuumaan amma argame daran akka dagaagu dhaaba isaanii ABO cinaa hiriiruu fi tokkummaa kanas akka tikfatu ummata walgahii kana irraa qooda fudhate gaafatuun haasaa isaanii jalqaban. Hoogganni amma utubame kunis, hooggana ummata isaa dhagahu fi ummata isaatiinis hayyifamu akka tahu ummata Oromootiif waadaa seenan. Itti aansuun J/Mohaammad Afroo labsa tokkummaa jaarmayootaa ilaachisanii ummataaf ibsa godhuun waltajjiin gaaffii, deebii fi yaadaa ummataa fi qabsaawota wal-gahii kana irraa hirmaataniif kennamee hoogganootaa ABO walgahii kana irratti argamaniin ibsa bal’aan godhamee jira. Kanuma waliin ummata fi qabsaawota irraa yaadni tokkummaa qabsaawotaa jajjabeessan kennamee qophiin walgahii kanaa xumuramee jira.
Guyyaan ayyana qabeessi kun kan xumurame qophii galgala aadaa Oromootiin ture. Walliftootni bebbeekkamoon biyyootaa adda addaa irraa walitti dhufan faaruu warraaqsaa fi sirboota mimmi’aawoo calaqqee aadaa fi eenyummaa saba keenyaa mul’isaniin halkan guutuu ummata kumaa ol tahu bashaniinsaa bulan. Guyyaan gammachuun bari’es gummachuun oolee gamachuun xumurame.
Gadaan Gadaa tokkummaa, Bilisummaa fi Walabummaa ti !!!
Koree Qindeessituu Kora Tokkummaa Jaarmayoota Oromoo
Onkoloolessa 31, 2009